Article

Bara Baajata 2010 Keessaa Mata-dureewwan Leenjii shan(5) Qophaa’anii Leenjiin irratti Kenname.

 Instiitiyuutiin Leenjii Ogeessotaa Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa Sakatta’iinsa Fedhii Leenjii gaggeesseen

mata –dureewwan shan addaan baasudhaan moojuulii Leenjii irratti qopheessaa Leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa ittiin kennee jira.

1.      Angoofi Gahee  hojii abbaa Alangaa dhimmoota hariiroo hawaasaa  irratti qabu.

2.      Naamusa ogummaa ogeessota qaamolee haqaa  oromiyaa seeraa fi hojimaata.

3.      Egumsa mirga daa’immanii rakkoolee hojumaata qaamolee haqaa keessatti mudatan.

4.       Gahee  qaamolee haqaa oromiyaa  ragaa sobaa too’achuu  keessatti qabani seeraa fi hojumaata.

5.       Malaammaltummaa maallaqaa waliin wal-qabatee raawwatamuu fi adeemsa qora’nnaa isaa jedhamaniidha.

Dabalataanis,fedhii addaa komishiinii bulchiinsa manneen sirreessaa oromiyaa irraa dhiyaateen‘’eegumsa mirga namoomaafi haaromsa sirreefamtootaa  seeraa’’ jedhu irrattii Leenjii    kennamee jira.

Bu’uuruma kanaan hanga gurraandhala 30/2010tti mata –dureewwan kana irrattii ogeessota leenjii fudhatan :-

  • Abbootii murtii 409 (dhiira 384 fi dubartii 25 )

  • Poolisii komishiinii bulchiinsa manneen sirreessaa 459 (dhiira 413 fi dubartii 46)

  • Abbootii  alangaa idilee 680 (dhiira 595 fi dubartii 85)

  • Abbootii alangaa fi qorattoota KNFMNO 107 (dhiita  101 fi dubartii 6)

  • Qorattoota poolisii komishiinii polisii oromiyaa 412 (dhiira 368 fi dubartii 44 )

Walumatti qabaadhan  ogeessota 2068 (dhiira 186 fi dubartii 206 )ta’aniif leenjiin hojiirraa yeroo gabaabaa  mata-dureewwan gubbaatti ibsaman irratti guyyoota 3-5tti fudhate kennamera.

                Ergaan keenya.

               ‘Remember, training is not what is ultimately important… Performance is.’’

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.