Article

BEEKSISA

Guyyaa 03/09/2011

 

Leenjiifamtoota sagantaa leenjii hojiin duraa marsaa 12ffaa shaakala irra jirtan hundaaf

Duraan dursuudhaan shaakallii keessan qaamolee haqaa keessatti raawwachaa  jiratan irratti akka isin ilaaludhaaf yaalletti  kaka’uumsi, naamusinii fi raawwiin hojii shaakala keessanii bay’ee gammachisaa fi muuxannoo ogummaa keessan qabatamaan gabbifaachuu kan isin dandeessisu akka ta’ee fi sochiin shaakala keessanii abdachiisaa ta’uu isaa waan hubanneef baga milkooftan jechaa, qaamoleen haqaa keenyas deeggarsaa fi tattaaffii leenjifamtoonni keenya muuxannoo fi dandeettii isaanii, miira taajaajiltummaa,  akkasumas naamusa iddoo hojii akka gonfatan taasiftaniif tasuma kanaan galata keenya isiniif dhiyeessuu barbaanna.

Itti aansudhaan  yeroo shaakala keessan  Caamsaa 17/2011 xumuruudhaan  ji’uma kana gaafa 21- 23/09/2011 inistiitiyuutiitti deebitanii gabaasa akka gochuu qabdan gabateen yeroo maanuwaalii shaakalaa fuula 5 -6 irratti haaluma ibsameen fi xalayaa gara shaakalaatti ittiin isin gaggeesine irratti caqasamuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee, Caamsaa 28/2011 ayyaana Id Alfaxiir (ramadaana) akka ta’e kaaleendara irraa hubachuun danda’amee jira. Kanaafuu, ayyaana kana sababbeeffachuudhaan yeroo gara inistiitiyuutitti deebitan fuul duratti dheeresuun barbaachisaa ta’ee  waan argameef,

  • Yeroo shaakala keessanii hanga Caamsaa 17/2011 tti akka xumurattan( hojiiwwan mana hojii itti shaakaltanitti isiniif kenname hunda of harkaa xumuruudhaan manaaf deebftanii akka beeksiftanii fi shaakala keessan xumurtan) ta’ee,

  • Haaluma gabatee yeroo maanuwaalii keessan irra jiruutiin barreeffama gabaasa fi waraqaa qo’annoo keessaan sirnaan barreeffatanii fi qindeeffatanii xumurattan,

  • Lenjifamtoonni amantaa musiliimaa  hordoftan Ayyaana sooma hiikkaa (ramadaanaa) maatii keessan wajjiin dabarsuudhaan, hundumti keessaanuu immoo yeroo kana keessatti boqonnaa taasisuudhaan  gaafa Caamsaa 29/2011 hanga waxabajjii 01/2011 tti inistiitiyuutii galuudhaan gabaasa akka gootan ta’ee, yeroo gabaasa goottanittis waraqaa qo’annoo  fi  gabaasa raawwii keessan isa sirnaan  qindaa’ee xumurame  akka galii gootan yaadachiisaa, waxabajjii 03/2011 irraa eegalee leenjiin kan itti fufu ta’uu isaa isin beeksifna!!

                                            Hordoftoota Amantaa Musilimaa Hundaaf Ayyaanaa Gammachuu fi Badhaadhinaa Akka  Isiniif  ta’u Hawwina!!!!

                                            Daareekteerootii Kenna Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa

                                            Leenjifamtoonni kenya Ergaa kana waliif dabarsuu hin dagatiinaa!!

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.