Article

Dhaabbi Biqiltuu

Guyyaa 22/11/2011

Bara kana akka biyyaatti, biqiltuuwwan Biliyoona afur (4) dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jira. Karoora hojii kana milkeessuuf immoo Adoolessa 22/11/2011 qofa Biqiltoota mil. dhibba 200 dhaabuuf akka mootummaa biyyaaleessaatti bahe, har’a 22/11/2011 guutu biyyaatti biqiltuuwwaan mukkeen gosa adda addaa iddoo gara garaarratti dhaabbachaa oleera.

Akka Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaattii, biqiltuuwwaan gaaddisaa fi midhagina mooraaf oolan kuma 2,700 ta’an dhaabuuf karoorfamee, mooraa Inistiitiyuutichaatti, hoggantootaa fi Hojjattota Inistiitiyuutii akkasumas, Leenjifamtoota leenjii hojii duraatiin biqiltuuwwaan kuma 2,676, % 99.1 dhaabamee jira.

Bosona misoomsu, magaalota, baadiyyaa fi Biiroolee mootummaa keessatti magarisa taasisuun amaloota biyyoota qaromani ti. Kanaafu, hoggantoonni, hojjattoonni  fi leenjifamtoonni keenya biqiltoota iddoo gara garaarratti dhaabu, kan dhaabbatee eegu fi kunuunsa gochuu qabna jechuudhaan Daareektarrii Ol’aanaa ILQSO Obbo Tasfaayee Booressaan yaadachisani jiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.