Article

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Ogeessota Seeraa leenjisa ture guyyaa har’aa eebbisiise.

Hagayya 02/2011

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Ogeessota Seeraa sagantaa Leenjii Hojiin Duraatiin baatii kudhaniif leenjisaa ture 203 hagayya 02 bara 2011 eebbisiisee jira. Eebbifamtoota kana keessaa 105G/Abbootii murtii  yoo ta’an  98 G/Abbaa Alangaati.

Obbo Addaamuu Dhufeera I/A/ Daarekteeraa Olaanaa ILQSO gabaasa raawwii hojii dhiheessan keessatti ILQSOn hundeeffama isaa irraa eegalee Sagantaa Leenjii Hojiin Duraatiin ogeessota seeraa kan bara kanaa osoo hin dabalatin 2817  leenjisee gara qaamolee haqaa(Mana Murtii fi Abbaa Alangaa) naannoo keenyaatti maku isaa eeranii Inistiitiyuutichi sirna haqaa naannoo keenyaa fooyyessuuf bu’aa bahii heddu keessa darbee hojii guddaa kan hojjete yoo ta'e illee ammas karaa dheeraan akka hafuu fi ciminaan hojjechuu akka isaan gaafatu ibsanii jiru.

Sagantaa kana irratti eebbifamtoota qabxii olaanaa galmeessisaniif waraqaan ragaa fi badhaasni geebaa kennamee jira. Sagantichaa irratti argamuudhaan Waraqaa Ragaa fi geeba eebbifamtootaaf kennuudhaan qajeelfamaa fi kallattii hojii kan kennan kabajamoo Obbo.Dasaa Bulchaa Pirezidaantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaa gumii Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa ti.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.