Article

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamoolee Haqaa fi Qo’annoo seeraa Oromiyaa,Qorannoo fi Qo’annoo adda addaa gaggeessaa turee Workshooppii gaafa 21-22/10/2009 gaggeesseen qooda fudhattoota fi dhimmamtootaaf ifa godheera.

Rakkoolee hojimaata fi seeraa sirna haqaa naannicha keessatti mul’atan sirreessuun keenninsa tajaajila haqaa qulquulluu, si’ataa fi fayyadamummaa haawaasaa mirkaneessuun murteessaa dha.Instiitiyuutiin keenyaas,kaayyoowwan gurguuddoo inni hundaa’eef keessa rakkoolee hojiimaata fi seeraa sirna haqaa naannicha irrattii qo’annoo fi qorannoo gaggeessuun yaada furmaata buurqisiisuu irratti daran hojjataa jira.Argannoowwan bu’aa qorannoos dhimmamtoota afeeruun ifa gochaa jira.Bu’uuruma kanaan hanga xumuura bara 2008tiitti mata dureewwan adda addaa 45 irratti qorannoo fi qo’annoo gaggeessuun argannoowwan isaas woorkshooppii qoopheessuun maamiiltootaa fi dhimmamtootaaf dhiheesseera.bara kanas, mata duureewwan shan qorannoo fi qo’annoon irratti gaggeeffamee keessa,1ffaa:- Keenninsa fi Barreesa Murtii Manneen Murtii Oromiyaa;xinxala Rakkoolee Seeraa fi Hojimaata Isaa 2ffaa:- Adabbii Dhimmoota Yakkaa;Rakkoolee Gurguuddoo Hojiirra Oolmaa Qajeelfama Adabbii fi Adabbiiwwan hidhaan Alaa Keessatti Mul’atan 3ffaa:- Rakkoolee Bu’aa qabeessuummaa manneen Murtii Bulchiinsa Aangoo To’annoo Manneen Murtii Idilee ;Haala Qabatama Naannoo Oromiyaa jadhuu irratti qo’annoo fi qorannoo gageessuun argannoo isaas warkshooppii qopheessuun maamiltoota fi dhimmamtootaaf  dhiheesseera.Hojiirra oolmaa isaatiifiis mari’achuun kallattii kaa’eera.dabalataaniis Jornaalii Seeraa Oromiyaa yeroo 6ffaaf bifa qulquulluu fi haawwataa ta’een maxxansiseera.Woorkshooppii kana irrattiis duubbistootaaf raabsameera.  

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.