Article

Instiitiyuuti Leenjii Ogeessota Qamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa Hooggantoota Komishiini Manneen sireessaa oromiyaa sadarkaa sadarkaan jiraniif Leenjii guyyoota sadiif turu guyyaa haraa jechuunis Ebla 15/2010 irraa eegalee kennaa jira.

Mata-dureen Leenjii hooggantoota kanaaf irratti kennamus ‘’Kabaja Mirgaa Namoomaa fi  Haaromsa Sirreefamtootaa  Seeraa fi Hojumaataa’’kan jedhu yoo ta’u hooggantoonni leenjii kana irratti hirmaataniis Ajajootaa fi Abbootii Adeemsa Hojii Ijoo Mamannen Amala Sirreessaa Godinaalee fi Aanaalee Oromiyaa  keessatti argaman yoo ta’an baay’inni isaanis namoota 75 dha.

Kayyoo ijoon Leenjii kanaas hirmaattonni Leenjichaa, egga xumuranii booda,

  • Maalummaa fi yaad-rimee mirgaa namoomaa,

  • Kabajamuu mirgaa dhala namaa keessatti qajeeltoo Idila –Addunyaa akka Biyyaa fi Naanoo keenyaatti hojiiraa ooluu qaban,

  • Sirna bulchiinsa haqaa yakkaa keessatti haromsa sirreefamtoota ilaalchisee gahee qaamolee haqaa maal akka ta’e,

  • Maalummaa fi qajeeltoo haaromsa sirreefamaa,maloota haaromsaa fi gahee qaamoleen adda addaa  qabachuu   malaan, seeraa fi hojumaata jiruus wal-bira  qabuun haala itti madaalanni fi

  • Kallattii hojii fuula-duraa dhimmoota gubbaattii caqafaman kanneen irratti  hubannoo walii gala gonfachuudhaan hojiitti kan hiikan ta’a.

Dabalataanis ,leenjiin kun dandeetti fi ilaalchaa tajaajiltumaa hoggantoota kanaa dabaluudhaan, qabiinsa, bulchiinsaa fi haaromsa sirreefamtootaa ilaalchisee gahee manneen amala sirreessaa keenya bahachuu qaban akka bahatan, hirmaannaa qaamolee haqaa biroo haroomsa sirreefamtootaa keessatti taphachuu

qabanis hubachuudhaan, qaamolee dhimmi ilaalatu biroo wajjiin hariiroo cimaa ta’e uumudhaan fooya’iinsa bulchiinsa sirna haqaa yakkaatiif gahee isaan irraa barbaaddamu gahumsaan akka bahatan kan dandeessisuudha.

 Gama biraatiin, barbaachisummaan sirna haqa yakkaa,yakki kan raawwwatame yoo ta’e yakkicha qorachuun, hirmaachuun qaama baleessaa raawwate sirreessanii (barsiisanii) hawaasatti akka makamu gochuu hammata. Kanaafuu, namoota badii rawwatan sirreessani (barsiisanii) hawaasatti deebisanii akka makamu gochuun hojii sammuu namaa irrattii hojetamuudha. Kuniis ‘’sirreefamtoota haaromsuun handhuura sirna haqaatii’’ kan jedhamuuf sababa kanaaf akka ta’e ifaadha.

 Walumaa galaa, leenjiin kun kabajaafi eegumsa mirga namoomaa, haaromsa sirreefamtootaa ilaalchisee hojii hojjetamuu qaban irratti  hooggansi dandeettii fi hubannoo barbaachisu cimsatee fooyya’iinsa sirna haqaa tiif akkasumas qulqullina taajajila kennamuu keessatti gahee ol’aanaa akka taphatan isaan akka dandeessisu taasisudhaaf kan kennamuudha.

                                                                                                                             Daarekteera Daareekteerootii  Kenna Leenjii fi Tajajila Gorsa Seeraa

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.