Article

Instiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa, Leenjifamtoota Leenjii hojiin duraa marsaa 10ffaa ebbisiiseera.

Hojiin Abbaa Seerummaa fi Abbaa  Alangummaa beekumsa fi Ogummaa barnoota ol’aanoottii keennamuun alaa gahumsa fi dandeettii addaa kan gaafatuu ta’u ni beekkamaa.  Instiitiyuutichiis, kana hubachuudhaan sagantaa leenjii hojiin duraa hundeesseera. Hundeeffamarraa kaasees hanga xumura bara 2008tiitti Ogeessota seeraa 2025 sagantaa  kanaan simatee Ogummaa Abbaa Seerummaa fi Abbaa Alangummaatiif gahumsa hubannoo, dandeetti gahumsa fi Naamusa Ogummichii barbaadu gonfachiisuun qulqullina keenninsa sirna haqaa Naannichaa mirkaneesuun danda’ee jira.

 Bara kanaas, Ogeessota seeraa Barnoota Ol’aanoorraa ebbifamanii lakkoofsaan 397 ta’an simatee dandeettii Ogummaa, naamusa Ol’aanaa, ilaalcha sirrii fi qulqulu ta’ee akka qabatan, sirna heera fi seeraa

 kabajatanii kabachiisan Akkasumas, ilaalchii tajaajiltummaa ummata daran mirkaneessuu dnada’an irrattii ji’ottan kudhaniif leenjiisaa turee bakka anga’oota Ol’aanoo argamanittii Waxabajjii 20/10/2009 ebbisisee  jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.