Rakkoo fi midhama ummata keenya nu ilaallataa jachuun Hojjattonnii Instiitiyuutii Leenjii ogeessota Qaamolee haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa, akkuma sabnii oromoo sababa daangaatiin naannoo somaaleerraa buqqaa’aniif mindaa ji’a tokkoo Qarshii 633,957.40 arjomuu isaanii yaadannoo yeroo dhihoo ta’e, Ammas; sababa loolaatiin ummatoota midhaman keessa ummata godina shawaa bahaa aanaa booraatiif galii argatan irraa baasuun daakuu qamadii kuntaala 14, fi uffata halkanii dhibba 214 fi ansoolaa388 bitachuun karaa bakka bu’oota hojjeetoota istitiiyuutichaatiin akka keennamuu taasifameera.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et