Article

Gumaacha Lammiin Lamii isaaf Taasisu itti Fufsiisuu Qabna.

Leenjifamtoonni Sagantaa Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 11ffaaInstiitiyuuti Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa Lakkoofsi  isaanii 400 ta’an Mindaa Ji’an argatan irraa %25 buusii gochuu dhaan  ji’oota sagal keessatti kan irraa muramu walumatti qabaan qarshii  395,676 (kuma dhibba  sadiifi kuma sagaltamii shanii fi dhibba ja’af torbatamii ja’a)hawaasa Oromoo sababa walitti bu’iinsa daangaa tiin Naannoo Somaalee  Itoophiyaa irraa buqa’aniif gumaacha taasisaniiru Leenjifamtoonnii kunniin gumaacha Lamilee isaanii tiif taasisan kana malee, miidhaan lamiilee keenya irraa gahe kun miidhaa maatii keenya, haawootaa fi Abbotii keenyaa irra gahe ta’uu isaa hubachuu dhaan fuula- duraafis cinaa isaanii ni dhabbana jedhaniiru.

Dabalataaniis, maatii keenya osoo hin baratin nu barsiise, hawwii fi fedhii mirkanaa’iinsaa ol’aantummaa seeraa irratti qabaan mirkanneessuudhaaf , dandeettii, Namusaa fi ilaalcha tajaajiltummaa ummatummaa  horachuu dhaan tajaajila haqaa iftoomina , haqaa qabeessaa fi seeraa fi seera qofa irrattiii hundaa’e kennuu dhaaf cimanii akka hojetan yeroo dhuma gumacha hawaasa isaanif taasisan kanatti ibsaniiru.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.