Article

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa Fi Yunivarsiitii Jimmaatti Man-Barnoota Seeraa(Law School) Kenniinsa Tajaajila Haqaa Naannichaa Foyyeessuun Fayyadamummaa Hawaasaa Mirkaneessuuf Hojiiwwan Gargaaran Waliin Hojje

                                                                                                                                                                                                                                                                      Guyyaa: 23/1/2011

Inistiitiyuutichi rakkoowwan gama gahumsa ogeessota qaamolee haqaa fi hojimaataa kenninsa tajaajilaa haqaa keessatti mul’atan leenjii fi qorannoon furuuf qaamolee adda addaa waliin atoomuun ciminaan hojjechuu irratti argama. Guyyaa har’aa kanattis Yunivarsiitii Jimmaatti  Mana Barnoota Seeraa waliin hojjechuuf dhimmoota afur (4)  irratti sanada walhubannoo mallatteesseera. Dhimmoonni kunniinis: 

  1. Qo’annoo fi qorannoo:- Dhimmootni qorannoon irratti gaggeeffaman rakkoo qabatama jiru wajjiin hidhata qabaachuu irratti waliin mari’achuu, bakkaa fi mata-dureewwan qorannoon irratti gaggeeffamuu qabu waliin adda baasuu, gamaaggama bu’aawwan qorannoo gaggeeffamu irratti muuxannoo fi beekumsaan waldeeggeruu fi  kkf

  2. Leenjii fi Barumsa:- Ogeessaa fi loojistikii hojii leenjii fi carraa barnoota adda addaan waldeeggeruu

  3. Tajaajila Hawaasummaa:- Hojii tajaajila hawaasummaa (community service) taasifamu irratti waldeeggaruu

  4. Tajaajila Gorsaa Seeraa:- dhimmoota kallattidhaan rakkoo sirna haqaa Naannichaa waliin walqabatan gorsaan furmaata kennuu keessatti wal hubachuu, wal deeggaruu fi  muxannoo qabaniin wal jijjiruu dha.

Dabalataanis, Inistiitiyuutichi qaamolee foyya’insaa sirna haqaaf  hojjatan kanneen biroo waliin hojjachuufis  karoora qabaachuu isa sirna walhubannoo mallatteessuu kana irratti ibseera.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.