Leenjiin kunis, haala Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa hanga Aanaatti jiran keessatti rakkoolee kenninsa sirna haqaa fooyyeessuu fi fayyadamummaa hawaasa mirkanneessuuf jecha; karoora bu’aa irratti xiyyeeffatee fi hojiif furmaata ta’u danda’u karoorsu, sirna hordoffii fi gamaggamaa bu’aa irratti xiyyeefatee diriirsu, raawwii hojii bu’aa irraatti xiyyeefatee galmeessisuuf dandeetti fi hubannoo gaggeessitoota, abbotii adeemsaa, ogeessota karoora fi gamaggama mana hojichaa cimsuu leenjiin guyyaa shan (7-11/07/2012) kennamaa jira.
Sirna baniinsa leenjii kana irratti Abbaan Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Daani’eel Asaffaa akka jedhanitti, Manneen Hojii Abbaa Alangaa Waliigala sadarkaa Biiroo hanga Aanaatti kaayyoo hojii isaani galmaan gahuuf karoora rakkoo manichaa hiiku danda’u karoorsu, toftaa bu’aa ykn raawwi hojii akkaataa safaramuu dandaa’uun karoorsuu fi raawwachuuf dandeetti rawwachisummaa hoggansa fi ogeeyyii sadarkaa sadarkaan jiran cimsuun murteessaa waan ta’eef leenjiin kun kennamaa jira jedhaniiru.
Dabalataanis, leenjiin kun yeroo amma kanatti kennamuun isaa yeroo karoora misoomawaa waggoottan kuranaan itti aanaan qopheessuu irratti argamutti ta’uun isaa karoora tarsiimo’aa bu’aa irratti xiyyeefatee qopheessuu, raawwachuu, hordofuu fi gamaaggamuudhaaf caarra bal’aa kan uumuu akka ta’e ibsaniiru. Ogeessonni leenjichaa fudhatan dandeetti, gahumsaa fi muuxannoo leenjii kana irraa argatan qabatani hojiitti akka hiikani fi bu’aa hawaasni mana hojii abbaa alangaa irraa barbaadu milkeessuudhaaf hojjechuu akka qaban hubachiisani jiru.
Walumaa galatti, leenjichi dandeetti karoora bu’aa irratti xiyyeefatee karoorsuu, raawwachuu, hordofuu fi gamaaggamuu baafachuudhaaf darbees raawwachuudhaaf dandeesisu kan gonfachiisuu ta’uun isaa ni amanama.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et