Article

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti, namoota Dhibee HIV AIDsiin qabamanii fi harka qalleeyyii ta’aniif deeggarsa meeshaalee adda addaa taasifamee

 

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo seeraa Oromiyaa bara 1999 Dambii lakk.77/99’n hundeeffame.Inistitiyuutichis aangoo fi hojii danbiin kennameefiin ogeessota qaamolee haqaa ogummaa, naamusa, dandeettii, beekumsa fi ilaalcha miira tajaajiltummaa leenjii gonfachiisu kennuun waraqaa ragaa kennuu, fi hojmaata kenniinsa tajaajila haqaa bibittinnaa’anii sirna haqaa naannichaa keessatti hanqinoota mul’atan sirraawanii bifa tokkummaa akka qabaatu fi kenniinsi sirna haqaa sadarkaa isaa eeggate bakka hundaatti akka dhugoomu qorannoo fi qo’annoo barbaachisu gaggeessuudhaan yaada murtii burqisiisuun hojii wal irraa hin citne hojjachuuf kan hundeefame dha.

Dabalataanis Inistitiyuutichi hojii idilee isaan alatti Mootummaan baajata ramadameef keessaa 2% hawaasa dhukkuba HIV AIDS'n draramaa jiranii fi Ijoollee haadha fi abbaa hin qabne fi namoota harka qalleeyyii ta'aniif Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatitti namoota 46 fi daa'man 48 waliigala namoota 94 ta'aniif deggersi garaagaraa godhameefi jira.

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.