Article

Leenjiin Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa Mata duree Sirna Bittaa Motummaa jadhuu irratti keennamaa jira.

Naannoo tokkoo keessatti qajeelfama faayinaansii hordofuun bittaa meeshaalee motummaa gaggeessuu,Akkasumas,faayinaansiin motummaa qixa sirrii fi seera qabeessa ta’een adeemsisuu fi birriin motummaa bahii ta’ee faayidaa birrii bahii ta’een wal gituun hojii irra olee taanaan ol’aantummaan seeraa fi qajeelfamnii faayinaansii mirkanaa’ee jachuun ni danda’ama.Kun immoo,galmooleen barkumee fi karoora guddina fi tiraansformeeshinii marsaa 2ffaa motummaan qabatee hojii irra olchaa jiru daran ni milkeessa.Leenjiin kunis, sirnii bittaa motummaa qajeelfama faayinaansii hordofee akka inni raawwatamuu fi raawwiin qajeelfamichaa yeroo hanqina mul’iseetti sirreeffama seeraa akka inni argachuu danda’uu yaadamee yommuu ta’uu, kaayyoo kana milkeessuf  immoo gaheen ogeessota seeraa seektara motummaa sadarkaa Aanaa, Godina,Bulchiinsa Magaalaa fi Naannoo Oromiyaatti tajaajila keennaa jiran ol’aanaa dha.   Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamoolee Haqaa fi Qo’annoo seeraa Oromiyaas, ogeessota seeraa 83 ta’anif Maalummaa bittaa motummaa,bittaa karoorsuu,malawwan bittaa fi raawwii isaanii,qophii ibsa fedhii bittaa,sirna baniinsa calbaasii gamaggamuu,mo’attoota filachuu,waligaltee keennuu fi waligaltee bulchuu jadhuu irratti caamsaa 21/09/2009 - 22/09/2009ttii marsaa tokkoon simatee ogeessa faayinaansii institiiyuutichaatiin keenname jira.  

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.