Article

Leenjiin Hojii Irraa Yeroo Gabaabaa Mata Duree Waligaltee Ijaarsaa jadhuu keennamee jira.

Hojiiwwaan gurguddoo galma gahinsa sagantaa guddina misooma dinagdee biyyi keenya sadarkaa ol’aanaadhaan  mirkaneessuuf hojatamaa jiruu keessaa inni guddaa fi bal’aan ijaarsa bu’uuraalee misoomaa ti.Akka Bulchiinsa Motummaa Naannoo Oromiyaattis, sagantaa waliin gahiinsa ijaarsa daandii,dhaabbilee fayyaa,barnootaa,indaastrii fi gamoowwaan gurguddoo walii galtee ijaarsaa walii mallatteessuun bali’naan ijaaramaa jiraachuu beekkamaa dha.Waligalteewwaan ijaarsii kun haaluma karoorfameen raawwatamuu fi waldhabdeen ka’aan kamiyyuu dursa walta’insaan hikkoo akka argatan,bakka kun hin milkofneettii bu’uura seeraa biyyattitiin hikkoo akka argatuf hojachuunis akkasuma. Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamoolee Haqaa fi Qo’annoo seeraa Oromiyaas,   ogeessota seeraa 83 seektara motummaa adda addaa keessatti sadarkaa Aanaa, Godinaa,Bulchinsa Magaalaa fi Naannoo Oromiyaatti tajaajila kennaa jiraniif,1ffaa:-Ijaarsa Indaastrii keessatti hikkoo, gosa,hundeeffamaa,waligaltee ijaarsaatiin dhimmota hidhaman 2ffaa:-Bulchiinsa waligaltee ijaarsa waliin dhimmota wal qabatan  3ffaa:-waldhabdee walii galtee ijaarsa keessatti ka’u danda’anii  fi sababoota isaanii ,Akkasumas,mala waldhabdeen ittiin hikkamuu xinxalaa dhimmota waliin walbira qabamee kan ittiin ilaalamuu jadhuu irratti caamsaa 23/09/2009-25/09/2009ttii ogeessa seeraa institiiyuutichaatiin keennamee jira.   

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.