Services

Kenna Tajaajila Gorsaa Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa

Afaan Oromo

Tajaajilli  haqaa lammiileef kennamu saffisaa, qulqullinaa fi dhaqqabamummaa kan qabu akka ta’u barbaadama. Sirni haqaa naannoo keenyaa rakkoo walxaxaa keessa ture kan akka hanqina humna namaa, ogummaa, naamusaa  ogummaa fi gahumsa tajaajiltummaatiin wal qabatanii mul’atan  furuudhaaf Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamoolee Haqaa fi  Qo’annoo Seeraa Oromiyaa danbii lakk 77/99 tiin akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hundeeffamee jira. Kaayyoon Inistiitiyuutii kanaas,ogeessota seeraa kabajamuu Heera Mootummaa fi sirna Heera Mootummaatiin hundeeffameef kutannoodhaan dhaabbatan baay’inaa fi qulqullina barbaadamuun horachuu, Sirna haqaa naannichaa ogeessota dandeettii olaanaa, naamusa gaarii akkasumas amantaa uummataa fi quuqama qabaniin akka ijaaramu gochuu fi qo’annoo seeraa taasisuun, tajaajila gorsaa kennuun  rakkoo sirna haqaa naannichaa hiikuu fi yaada furmaataa maddisiisuudhaan gahee isaa bahachuudha.

 

Bu’uuruma kanaan, Inistiitiyuutichi kaayyoo hundaa’eef galmaan ga’uuf adda durumaadhaan ogeessota seeraa  haaraan gara qaamoolee haqaa naannichaatti osoo hin makamiin dura leenjii hojiin duraa, qaamolee haqaa hojii irra jiraniif immoo leenjii hojiirraa yeroo dheeraa fi gabaabaa haala itti fufiinsa qabunii fi fedhii qaamolee haqaa irratti hundaa’udhaan kennaa jira. Akkasumas, hojmaannii fi kenninsi tajaajila qaamoolee haqaa bu’aa qabeessaa fi iftoomina akka qabaatanii fi sirnichi ammayyaawaa akka ta’uuf, rakkoolee qaamoolee haqaa keessatti mul’atan hiikuuf  qorannoo fi qo’annoo fedhii maamiltootaa giddugaleessa godhate gaggeessuun yaada furmaataa burqisiisuun, qaamolee mootummaa adda addaa ta’an jechuunis maamiltoota  fi dhimmamtoota isaaatiif gorsa ogummaa seeraa barbaadaniif tajaajila gorsaa  dhimmoota adda addaa irratti kennuun fooyya’insa sirna haqaa naannichaaf gahee ol’aanaa taphachaa jira.

Haaluma kanaan hojiin tajaajila gorsaa kennamu bu’aa barbaadamu argamsiisuuf dursee odeeffannoo dhimmoota ykn mata dureewwan maal fi akkamii irratti akka kennamuu fi gaggeeffamuu qabu qaama tajaajila gorsaa kennamu irraa  kallattiin bu’aa argatu irraa dursanii sakatta’a fedhii gaggeesssuun  fedhii adda bahe irratti hundaa’udhaan tajaajila kennamuudha.

Adeemsa kana keessattis, sagantaa tajaajila gorsaa qopheessuun dura sagantaan qophaa’u fedhii tajaajilamtoonnii fi hojmaatni barbaadu irratti kan bu’uureffatuudha. Kunis iddoo hir’inni jiru irratti tajaajila gorsaa kennuun qaawwa ogummaa ykn hojiidhaan wal qabatanii fi  dhimmamtoonni ykn tajaajilamtoonni keenya qaban akka fooyya’u taasisa.  Kana gochuuf immoo dursamee iddoo fedhiin tajaajila gorsaa itti barbaaddamu? eenyuuf gorsi akkamii? Yeroo akkamiitti? Kennamuu akka qabu, sakatta’uun gara hojiitti kan seenamu ta’a.

 

Tajaajilli Gorsaa inistiitiyuutichaan kennamu kan irratti hundaa’u; gorsoota uumama ogumma qaban ta’ee, qaamoleen tajaajilicha kennanis tajaajila ogummaa gorsa kennanii  irratti dandeettii, beekumsaa fi muuxannoo qaban fayyadamuudhan dhimmoota, Pirojekitotaa, Karoora fi kkf ilaalchisee wixinneessuu, bulchuu gorsa kennu, yeroo barbaachisaa ta’ee argamee cimsannaa dandeetti bifa leenjiitiin  kenuu dhaan kan raawwatamuudha.

Gama biraatin jechaamin Tajajila Gorsaa “Consulting service” jedhu uumama kalaqa sammuu fi Gorsaa kan qabu ta’ee, ogeessonni tajaajila kana kennan dandeettii ogummaa isaanii fayyadamudhaan qo’annoo gaggeefamu wixinneessudhaan (design), qo’annoo gaggeessudhan, , projectoota adda-addaa qindeessudhan maamila isanitiif tajaajila kennan ta’ee, haalli kenna isaas bifa leenjiitiin, beekumsa qaban debarsanii kennuudhaan tajaajila ogummaa kennamuudha.

Tajaajilli Gorsaa qaama tajaajila kana kennuun kan raawwatamu yoo ta’u, mata dureewwan tajaajilli kun irratti kennamuu danda’u, naamusa raawwii fi gochoota adda-addaa baay’ee kan of- keessatti haammatuudha. Isan kana keessayis yaad rimee seerotaa irratti hubannoo uumuudhaan, dhimmoota haala adda addaatiin dhiyaataniin wal qabatee seeraan haala itti hiikamuu danda’an irratti , raawwii seeraatiin  wal qabatee rakkoolee mudatan irratti, furmaata akkeekudhaani fi wal-dhabdeen qaamota   adda addaa jidduutti uumamu  ilaalchise mala ittiin hiikamu irraatti tajjajillii gorsa kennamu isaan ijoo dha.

Tajaajilli Gorsaa bifa kanaan kenaamuun fayiidaaleen inni qabus; qulquullina tajaajilaa seeraa ni dabala, hubannoo tajaajilamtoonni dhimmoota gorsa irratti argatanii ni dabala. Fooyya’iinsa sirna haqaa naannoo keenyaa mirkaneessuun ni danda’ama. Dhimmoota tajaajilli gorsaa irratti kennamuun wal qabatee hubannoo waliigalaa uumadhaan kallattii furmaata sirrii ta’ee irra akka gahamu ni dandeessisa. Kanaafuu kenni tajaajila gorsaa bu’aa ol’aanaa qabaachuun isaa ni amanama.

Dabalatanis ogeessii ykn eksipartiin tajaajila gorsa kennu “Gorsaan” tokko ogummaa qabuun fayyadamee rakkoo ykn miidhaa maamilaa qorachuudhaan, miidhaa gahes addaan baasudhaan, dandeettii Ogummaa fi muuxannoo isaatiin (on the basis of his/her expertise), yaada furmaataa dhama qabeessaa ta’e kaa’udhaan, hojiirraa oolmaa yaada ogummaa kennees hordofuudhaan tajaajilli gorsaa kennu sun bu’a qabeessaa akka ta’u dandeessisuudha. Ogessi tajaajila Gorsaa kennu tajaajila filatamaa (addaa) bifa gorsaatiin, odeefannootiin fi beekumsa uumuutiin maamiltoota isaatiif tajaajila kennuudha.

Gama biraatiin Adeemsii hojii kenna tajaajila gorsaa hanqina gahumsa ogeessotaa guutuu fi deggarsa barbaaddamu argachuuf gaaffii maamiltoota irraa dhiyaatu ykn gaafatamu akka ciicataati fudhachuudhaan qophii gorsaa gochuun, tajaajila gorsaa kennuu fi deggarsa tajaajilichaan booda barbaachisu kennudhaan, hanqina dandeetti guutuun, dandeettii raawwachisummaa isaani guddisudha. Adeemsi hojii kenna tajaajila gorsaa inistiitiyuutichaas, akkuma kenna tajaajila leenjii fi qorannoo kallattiiwwan raawwii hedduu (multiple versions) qaba. Kallattiwwan kunis

Fedhii Gorsaa qornoon Adda Bahe  Irraa Maddu.

Tajaajila gorsaa fedhii gorsaatiin adda ba’ee karoora gorsaa Inistitiyuuticha keessatti hammatame ta’ee furmaata rakkoo deggarsa ogummaatiin hikkame akka bu’aatti kan fudhatudha. Hojiiwwan sadarkaa kanatti jalqaba hanga xumuraa hojjetaman:-Barbaachisummaa gorsaa adda baasuu, Rakkoo gorsaan hiikamuu danda’u  adda baasuu, Qorannoo karoorsuu, Qophii duraa gochuu, Sagantaa gorsa maamilaa beeksisuu, Tajaajila gorsaa kennuu, Duub-duubee fudhachuu, Gorsaa kennuufi jijjiirama gorsaan dhufe gaggeessuu hammata.

Fedhii Gorsaa Gaaffii Maamila Irraa Maddu (Fedhii Gorsaa Tasa Dhufu)

Fedhii gorsaa maamila irraa dhihaate fi karoora gorsaatiin ala kan dhufu akka ciicataatti fudhatee rakkoo qabatamaa maamilichaa hiikuu bu’aa godhatee kan diriireedha.Hojiiwwan jalqaba hanga xumuraa hojjetaman  yoo ta’an, isaanis;Gaaffii gorsaa fudhachuu, Tajaajila gorsaa kennuu kan hammatuudha.

Fedhii Gorsaa Uwwisa Leenjii Keessa Oolu

Tajaajila gorsaa leenjii kenname hojii irra oolchuuf ta’ee bu’aan isaa rakkoo dandeetti leenjiicha hojii irra oolchuuf leenjisifamtoota qunnamee hiikuudha. Tajaajilli kunis bifa leenjiitiin qaamolee tajaajilicha fudhataniif kan kennamuudha.
Dhaabaa Dirribaa
Ofisara Leenjii  

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.