Article

Raawwii Hojii Bara 2013 fi Karoora Bara 2014

ILOQHQSO'n Raawwii Hojii Bara 2013 fi Karoora Bara 2014 irratti hawaasa Inistiitiyuutichaa waliin marii gaggeessee jira.
Marii kana irratti raawwi hojii bara 2013 ilaalchisee ciminoota, hanqinoota fi rakkoolee mul'atan adda baasuun karoora gara fula duraaf galtee akka ta'u danda'an adda baasuun kan gamaaggamame yammu ta’u, karoorri 2014 qophaa'ees dhiyaachuun yaadaan akka gabbattu taasifamee jira. Karoorri bara 2014 qophaa’es marii dhiyaachuun kan yaadni irratti kenanme yammuu ta’u,yaadota marii keessatti ka’aniin caalmaan gabbachuun karoora guutuu hojii irra ooluun bu’aa yaadame argamsiisuu danda’uu ta’uu akka qabu karoorri qophaa’us hanga hojjataa dhuunfaatti karoorfamuun raawwiin isaas yeroo yeroon hordamuu akka qabu Daareektarri Ol'aanaa Inistiitiyuutichaa Obboo Tasfaayee Booressaa wayita kallatti hojii gara fula duraa kaa’an ibsanii jiru.
Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.