Nu Qunnamaa  :-022-110-05112      info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Mataduree “Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa:-Aangoo Mana Murtii,Ijoo Dubbii Hundeessuu,Ajaja Faloota Yeroo,Ol Iyyannoo fi Raawwii Murtii” jedhu irratti Leenjii hojii irraa yeroo gabaabaa Abbootii Seeraa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaatiif magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon Leenjii kanaa Rakkoo hiikuu Seeraa fi Raawwii(Hojmaataa) adda baasuun kallattii furmaataa walfakkeenyummaa qabu akeekuuf akka ta’e ibsame.

Sagantaa kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Pirezidantii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaa Simal keessummootan Baga Nagaan dhuftan! erga jedhanii booda, Tajaajila Mootummaan kennaa jiru keessaa tajaajilli Abbaa seerummaa isa tokko ta’uu ibsuun, ILQSOn reefoormii Manneen Murtii keessatti kenni tajaajila haqaa galama ittiin gahu milkeessuu keessatti hojii guddaa hojjataa jiraachuu ibsanii jiru.

Dabalataanis Obbo Gazaaliin, Tajaajila sirna haqaa fooyyessuuf Manneen Murtii hojii walfakkaataa hojjachuu akka qaban ibisuun, kana gochuuf immoo leenjiwwan gaggabaaboo atoominaatiin muuxannoo waljijjiirun sirna haqaa cimaa ijaaruun barbachisaa ta’uu dhaamanii jiru.

Pirezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaa Obboo Abdii Mahaammad akka jedhanitti, Sagantaa Leenjii Bara 2018 karoofatan keessa kun kan jalqabaati jechuun simannaa taasifamerf erga galateeffatanii booda, tajaajila sirna haqaa fooyya’aa kennuuf qindoominaan waliin hojjachuun barbaachisaa tahuu amannee bu’uuruma Inistiitiyuuticha waliin atoominaan hojjachuuf waliigalleen guyyaa har’aa leenjii gabaabaa matadureewwan kanneen irratti argannuun hubannoo keenna cimsannee tajaajila haqaa fi si’ataa kennuuf ciminaan hojjachuu qabna jedhanii jiru.

Leenjiin kun guyyoota sadiif kan turu yoo tahu, kan kennaa jiran Abbaa Seeraa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa ILQSO Obbo Jamaal Qumbii fi Leenjisaa Seeraa ILQSO Obbo Tafarii Haylamaariyam tu kennaa jira.