Mata duree “Yakkoota Bulchiinsaa Qabeenya Uumamaa irratti Raawwataman” jedhu irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa kennaa jira.
ILQSOn yakkoota Qabeenya Uumamaa irratti raawwataman irratti Abbooti Seeraa Manneen murtii Ol'aanaa, Aanaalee fi Abboti Alangaa Godiinaalee fi Aanaatiif Magaalaa #Roobeetti leenji guyyoota sadiif turu kennuu eegalee jira.
Kaayoon Leenjii kanaa Hojii mosoomaa Bulchiinsaa fi Itti fayyadama qabeenya uumamaa irratti badii fi gochaawwan yakkaa garaagaraa raawwatamaa jiran ittisuu irratti dandeetti raawwachiisummaa qaamolee haqaa cimsuuf akka tahe ibsame.
Leenjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Daayrekteerri Ol'aantuun ILQSO #Aaddee_Addunyaa_Ahmadi fi I/A Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa #Obboo_Mallasaa_Araggaaw walduraa buuban, leenjichi Oromiyaa qabeenya uumamaatiin badhaate kunuusuun haala danda'amuun hubannoo cimsuuf kan qophaaye tahuu ibsuun, muuxannoo argataniin qabeenya uumamaa kunuunsuu keessatti gahee isaanii akka bahan dhaamanii jiru.
Leenjichib Leenjistoota Seeraa ILQSO #Obbo_Getaachoo_Kabbadaa fi #Obbo_Zabbanaa_Shibashii tin kennamaa jira.