Nu Qunnamaa  :-022-110-05112      info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitoyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa(ILQSO)n Mataduree “ Mirga Namoomaa”jedhu irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa Ogeessota Komishiinii Mana Sirreessaa Oromiyaatiif Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa: miseensotni, ogeessotniifi gaggeessitootni manneen sirreessaa hubannoo mirgoota namoomaa sirreeffamtoota seeraa irratti qaban akka cimsatan gochuun manni sirreessaa iddoo mirgi namoomaa itti kabajamuufi jijjiiramni amalaa sirreeffamtootaa itti uumamu akka ta'u gumaacha taasisuudha jedhame.

Leenjiin kun guyyaa sadiif kan turu yoo tahu, kan kennaa jiru Leenjisaa Seeraa fi Qorataa Seeraa Seeraa ILQSO Obbo Miilkii Makuriyaa fi Obbo Getaachoo Fayyisaa ti.

Labsii Qabeenya Beeksisuufi Galmeessisuu jedhu irratti Leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa Ogeessota Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaatiif Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon Leenjii kanaa qabeenya beeksisuu fi galmeessisuun namoonni seeraan ala hojjatanii akka qabeenya hin horannee fi qabeenya Mootummaa irrattis akka saamichi hin raawwatamne taasisuuf akka tahe ibsame.

Leenjiin kun guyyaa sadiif kan turu yoo tahu, kan kennaa jiru Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa fi Leenjisaa Seeraa ILQSO Obbo Lataa Baqqalaa ti.

kenna Tajaajilaa fi Qabiinsa Abbaa Dhimmaa” jedhu irratti hoggantoota komishinii Poolisii Oromiyaatiif Leenjii hojii irra yeroo gabaabaa magaalaa Adaamaatti kennaa jira.

Kaayyoon leenjichaa: miseensotni, ogeessotniifi gaggeessitootni kolleejjii Poolisii Oromiyaa hubannoo cimsachuun tajaajilaa fi qabiinsa Abbaa dhimmaa irratti hojiin walfakkeenya qabu akka hojjamuuf tahuun ibsame.

leenjiin kuniis guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, Leenjisaa Seeraa ILQSO Obbo Sintaayyoo Fayyisaatiin kennamaa jira.