Agarsiisa Egzibiishinii gaggeesse.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Agarsiisa Egzibiishinii gaggeesse.
#ILQSOn sagantaa Agarsiisa Egzibiishinii seektaroonni Mootummaa irratti argaman kana irratti hirmaachuun bakka Hoogantoonni Ol’aanoo Oromiyaa argamanitti hojiilee Inistiitiyuutichi hojjachaa jiru daawwachiise.
Sagantaa agarsiisa kana irratti hojiiwwan leenjii, Qorannoo fi Qo’annoo Seeraa, Siimpooziyeemiwwan gaggeeffame fi maxxansaalee joornaalii seeraa agarsiisa kanaaf qophaaye daawwachiisee jira.




