Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qoranno Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Raawwii Hojii ji’oottan saglan darbanii irratti gamaaggama raawwii hojii gaggeessee jira.
Kaayyoon gamaaggama raawwii hojii agarsiiftuwwan hanga kurmaana 3ffaa keessatti dirqama waliigaltee hojii seenameen gamaaggamuu yoo ta’u, ciminaalee, hanqinoota fi rakkoowwan raawwii keessatti mul’atan akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuun kallattii yeroo itti aanuu akeekuuf akka tahe ibsameera.
Gamaaggama Raawwii Hojii kana irratti Daayrekteroonni hunduu gabaasa hojii isaanii kan dhiyeessanii fi mariin bal’aan kan taasifame yoo tahu, gaaffilee garaagaraa hojjattoota inistiitiyuutichaa biraa ka’aniif akkaataa isaan ilaallatuun deebii itti kennanii jiru.
Daayrekteerri Ol'aatuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad akka jedhanitti, raawwii hojiiwwan ji'oottan sagal darban hojjataman keessatti hojiileen hojjatamuuf karoorfamanii harca'anii hafan yoo jiraate daayrektoreetiin hundi karaaoraa fi raawwii wal simsiisuuf kurmaana itti aanu keessatti raawwachuun karoora keenya milkeessuu qabna jedhanii jiru.
Dabalataanis Aaddee Addunyaan, gaaffilee fi yaadota akka waliigalaatti ka’an irratti deebii kennuun, hanqinoota gamaaggama raawwii hojii kana keessatti ka’an fudhachuun hojiilee karoorfaman galmaan gahuuf ciminaan irratti hojjatamuu akka qabu dhaamanii jiru.