Nu Qunnamaa  :-022-110-0511    info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n Guyyaa Dubartootaa /March 8/ kabaje.

ILQSOn kabaja Guyyaa dubatootaa bara kanaa akka Addunyaatti yeroo 115ffaa Akka Biyyaa fi Naannoo keenyaattii yeroo 50ffaa kabajamu dhaadannoo “ Sagalee Dubartootaa Walqixxummaa fi Badhaadhina biyyaatiif ” jedhuun kabajee jira.

Daarekterri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad, Haasaa taasisaniin, Baga guyyaa kana geessan erga jedhanii booda, Dubartoonni hawaasa kamiyyuu keessatti bu’uura maatii fi misoomaati jechuun ibsuun , Maatii ijaaru, dhaloota barsiisuu, akkasumas hojii mootummaa fi dhaabbilee adda addaa keessatti gahee olaanaa qabu waan ta’eef kabajni fi kabajaan isaanii dhimma dubartootaa qofa osoo hin taane dhimma hawaasa guutuuti jedhanii jiru.

Dabalataanis Aaddee Addunyaan, Mirga dubartootaa kabachiisuun, carraa hojii walqixa ta’e uumuu, akkasumas dubartoonni dandeettii isaanii guutuu akka fayyadaman deeggaruun hojii keenya itti fufuu qabnuudha jechuun dhaamanii jiru.

Sagantaa kana irratti Mariin Paanaalii kan gaggeeffame yoo tahu, Hooggantoonni saganticha irratti affeeraman muuxannoo fi haala keessa darban ibsuun dubartoonni gama kamiinuu dhiiraa gadii miti jechuun hirmaattota keessatti kaka’uumsa uumanii jiru.

Barreeffama Gabaabaan kabaja guyyaa Dubartootaa fi Mirga Dubartootaa ibsu leenjistuu Seeraa ILQSO Aaddee Tigisti Asfaaw kan dhiyeessan yoo tahu, bareeffama dhiyaate irrttis mariin bal’aan gaggerffamee jira.

Dhuma irrattis I/A Pireezidantii MMWF Aaddee Ababaa Imbi’aala woyta haasawa cufiinsaa taasisan akka jedhanitti, jalqaba ILQSO keessatti argamuun guyyaa dubartootaa kana waliin kabajuun gammachuu itti dhagahame ibsuun, biyyi teenya harkai walakkaan dubartoota waan tahaniif dhimmi mirga dubartootaa kabachiisuu waan qaama muraasaaf dhiifamu akka hin taane hubatamuu qaba jedhanii jiru.