Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu Hojjattootaaf kenname.

  • 08 Sep 2026
  • Posted by adminilqso
  • 0 Comments

Leenjiin Dandeettii Raawwachiisummaa Cimsu Hojjattootaaf kenname.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n hojjattoota Inistiitiyuutichaatiif mata duree Istaandardii kenna Tajaajilaa fi Naamusa Hojjattoota Mootummaa jedhu irratti leenjii gabaabaa guyyaa kaleessaa kennee jira.

kaayyoon leenjichaa maamila giddugaleessa godhatanii tajaajila kennuu keessatti ogummaa naamusaan dabaalameen tajaajila irraa eegamu akka kennaniif tahuun ibsame.

Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad leenjicha woyta eegalchiisan akka jedhanitti, barbaachisummaan leenjii kanaa hojii keessan akkaataa istaandardii baheetiin karaa naamusa qabuun hojjachuun milkaa’ina hojiif gahee keessan akka baatan jechuun dhaamanii jiru.

I/A Daayrekterra Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obboo Taaddasaa Nugusee ergaa hojjattootaaf dabarsaniin, fedhii leenjii bara jalqabarratti hojjattoota keennaf barbaachisan jennee adda baasne keessaa matadureewwan guyyaa har’aa leenjiin irratti kennaman kun murteessaa tahuu ibsuun, hojjataan naamusa irraa eegamu beekee tajaajila kennamu fooyyessuuf leenjii dandeettii raawwachiisummaa cimsuuf kannamu kana xiyyeeffannoon akka hordofan dhaamanii jiru.

Leenjicha kan kennan Biiroo Pabiliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaatti Obbo Taaddalaa Amansiisaa ,Daayrekteera Hordoffii fi Deeggarsa Istaandardii Kenna Tajaajilaa fi Obbo Malaakuu Fallaqaa Daayrekteera Bobba’iinsa Hooggansa Qabeenya Namaati.