Leenjiin Duudhaalee Aadaa, Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa Cimsu kenname.
Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa (ILQSO)n leenjifamtoota lenjii hojiin duraa marsaa 19ffaaf mata duree “Duudhaalee Aadaa ,Safuu fi Naamusa Tajaajiltummaa” jedhu irratti leenjii gabaabaa naamusa ogummaa cimsu kenne.
ILQSOn ogeessota seeraa naamusaa fi dandeettii ol’aanaa qaban horachuuf ogummaa naamusaa sagantaa leenjii idileetiin kennamu irratti dabalataan barbaachisummaa isaatti amanuun mata duree kana irratti leenjii naamusa ogummaa cimsu leenjitootaaf kennee jira.
kaayyoon leenjii kanaa Ogimmaa Naamusaa Abbootii Seeaa fi Abbootii Alangaatiif danbiin taa’en dabalatatti ogeessota seeraa naamusaa fi safuu Oromootin dagaagan horachuuf akka tahe ibsame.
Leenjii kana irratti haasaa baniisaa kan taasisan B.B Daayrekteera Leenjii fi Tajaajila Gorsa Seeraa Obbo Abdii Asafaa ergaa leenjifamtootaaf dabarsaniin “ILQSOn ogummaa naamusaa idilee ogeessota seeraatiif sagantaa idileetiin kennamu cinaatti mata duree kana irratti leenjiin akka kennamu kan taasisseef ogeessota seeraa qaroominaan aadaa fi safuu hawaasa isaa eegee tajaajila irraa eegamu haqaan kennuf hubannoo cimsuuf tahuu ibsuun leenjifamtoonni ogummaa naamusaa qaban irrati waan leenjii kana irraa argatan akka hojiitti hiikan dhaamani jiru.
Leenjicha kan kennan Hayyuu Aadaa fi Afoola Oromoo, Barsiisaa fi Qorataa Aadaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa, Obbo Leeniin Quuxoo ti.