Nu Qunnamaa  :-022-110-05112      info@ilqso.gov.et                   

  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image
  • Slide Background Image

You are here

Overview

Project Details

ILQSOn Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Dheeraatti Mana Harmee ijaaruuf Dhagaa Bu’uura kaaye.

Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Godina Arsii magaalaa Dheeraatti hojii kenna tajaajilaa lammumaatin ijaarsa mana harmee, Qooddii Maaddii fi barattoota maatii harka qal’eeyyitiif guyyaa kaleessaa deeggarsa meeshaalee barnootaa taasisee.

Hojii kenna tajaajila lammummaa kanaan mana harmee tokkoo ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaayun qooddii maaddii zayitaa fi daakuu harka qal’eeyyii 60 fi barattoota maatii harka qal’eeyyii 60f deeggarsa meeshaalee barnootaa taasiseera.

I/A Daayrekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nugusee, simannaa taasifame galateeffachuun , hojiiwwan gama leenjii, qorannoo fi qo’annoo seeraa gaggeessuu fi tajaajila gorsa seeraa kennaa jiruun cinatti hojii tola ooltummaatinis kallattii mootummaan kaayen bara kana Bulchiinsa magaalaa Dheeraatti mana harmee ijaaruuf hojii waaqaa fi nama biratti jaalatamaa tahe kana hojjachuuf carraa argachuutti gammachuu qaban ibsanii jiru.

Dabalatanis Obbo Taaddasaan ILQSOn mana harmee ijaaramu kana istaandardii mootummaan kaayen ijaaree meeshaa guutuu waliin kan kennu tahuu ibsuun, ayyaana bara haaraa sababeeffachuun qooddiin maaddii fi meeshaalee barnootaa deeggarsa gochuu himanii jiru.

I/Gafaatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhinnaa Godina Arsii Aaddee Ra’iisaa Aadam hojiin tajaajila lammuummaa kallattii mootummaan kaayen hojjatamaa jiru hawaasa keenya fayyadamaa taasisaa jira jechuun, ILQSOnis hojii boonsaa kana hojjachuuf baga nagaan dhuftan jechuun gammachuu qaban ibsanii jiru.

Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Dheeraa Obbo Nuuraa Huseen haasaa taasisaniin baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda, tajaalila lammummaatin hanga ammaatti manni harka qal’eeyyii 17 ijaaramuu ibsuun, ILQSOn amma hojii tola ooltummaatin nutti makames yeroo gabaabaa keessatti mana harmee ijaarsisee xumuruun rakkoo gama kanaan jiru furu keessatti gahee irraa eegamu akka bahu abdii qaban ibsanii jiru.

Dhuma irrattis Bulchiinsi magaalaa Dheeraa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaatiif kennaa Aadaa Arsii biratti kabaja qabu kennee jira.