Mata duree “ Sirna Komii fi Waldhabdeen Filannoo Waliin walqabatan Ittiin Hiikamanii fi Gahee Qaamolee Haqaa” jedhu irratti Abbootii Alangaa fi Qorattoota Poolisiif leenjii Hojii irraa yeroo gabaabaa guyyoota 3f turu Magaalaa Adaamaatti kennaa jira.
Kaayyoon Leenjii kanaa Filannoon marsaa 7ffaa bara kana akka biyya keenyaatti gaggeeffamu karaa nagaa fi haqa qabeessaan akka raawwatamu Qaamolee Haqaa as keessatti shoora ol’aanaa qabaniif hubannoo dabalataa uumuuf akka tahe ibsame.
Jalqabiinsa Sagantichaa irratti Haasaa baniinsaa kan taasisan I/A Daarekteera Ol’aanaa Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Obbo Sulxaan Abdoo akka jedhanitti, sirna filannoo keessatti waldiddaaleen garaa garaa yoo uumaman qaamoleen ariitiin dhimmichi akka furmaata argatu taasisan qaamolee haqaa kanneen waan ta’aniif, leenjiin hubannoo dabalataa cimsu qaamolee kanneeniif kennamuu akka qabu itti amanamee kan qophaa’e ta’uu ibsanii jiru.
Dabalataanis Obbo Sulxaan, Leenjiin kun leenjii leenjistootaa ta’uu ibsuun, qaamoleen leenjii kana fudhatan iddoo irraa dhufanitti leenjicha kennuun Abbootiin alangaa fi Poolisoonni filannoon karaa haqaatiin akka gaggeeffamuu fi waldhabdeewwan filannoo keessatti raawwataman ariitiin akka murtee kennisiisan gaheen qaamolee haqaa ol’aanaa ta’uu ibsuun leenjicha qabatamatti jijjiiruu akka qaban dhaamanii jiru.
Leenjiin kun qaamolee haqaa baay'inni isaanii 80 ta’uuf iddoo lamatti qoodamee kan kennamaa jiru yoo ta’u, Leenjistoonni, I/A/Daarekteera Ol’aanaa ILQSO #Obbo_Sulxaan_Abdoo, Gorsaa Seeraa Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa #Obbo_Dhaabaa_Dirribaa fi A/Seeraa MMWO fi Leenjisaa Seeraa ILQSO #Obbo_Abdullaahii_Shhafii tiin kennamaa jira.