Walharkaa fuudhinsi

  • 07 Sep 2026
  • Posted by adminilqso
  • 0 Comments

 

Walharkaa fuudhinsi pirojektii ijaarsa Mana kitaabaa fi kaafteeriyaa ILQSO bakka Hooggansi Ol’aanoon argamanitti Gaggeeffame.

Pirojektiin Inistiitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Mana kitaabaa, Kaafteeriyaa fi Mana Eegumsaa ijaarsisaa ture xumuruun guyyaa har’aa walharkaa fuudhinsi gaggeeffame.

sagantaa kana irratti ogeessonnii fi gorsitoonni projektichaa dhiimmi ilaallatu jalqaba irraa hanga xumuraatti ijaarsa pirojektichaa hordofaa kan turan ta’auun ibsameera.

Walharkaa fuudhinsa ijaarsa pirojektii kanaa irratti kan argaman Pirezidantiin Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gazaalii Abbaasimal akka jedhanitti, pirojektii kan jalqaba irraa kaasee hanga ammaatti gara ILQSO woyta dhufan hordofaa turuu fi hooggansi garanatti dhufus xiyyeeffannaan akka hordofu taasisaa turuu ibsanii jiru.

Dabalataanis Obbo Gazaaliin pirojektiin kun qabeenya guddaa qaamolee haqaa akka tahe ibsuun waan ogessota dhimmi ilaalu waliin irra deemanii ilaalanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.

Akka waliigalaatti Pirojektiin kun sababoota garaagaraatin yeroo taa’ef keessatti xumuramuu baatus, haalli ijaarsa gaarii tahuu ibsuun haala teeknikaa ogeessonni akkaataa ogummaa isaanitiin xiyyeeffannoo kennuu akka qaban dhaamanii jiru.

Daayrekteeri Ol’aantuun Inistiitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Aaddee Addunyaa Ahmad haasaa taasisaniin, qaamolee adda addaa ijaarsa piroketii kanaa keessatti gorsa ogummaa fi hordoffii taasisaa turan hunda galateeffachuun pirojektichi sadarkaa kana irra gahee walharkaa fuudhinsa gaggeessuu isaanitti gammachuu qaban ibsanii jiru.