Article

Leenjii Hojiin Duraa Marsaa 15ffaa

Inistitiyuutiin Leenjii fi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Leenjifamtoota sagantaa Leenjii hojiin Duraa Marsaa 15ffaa waggaa tokkoof leenjisaa ture guyyaa har'aa magaalaa Adaamaatti eebbisiiseera. Inistitiyuutichi ogeessota Seeraa 227 simatee leenjisaa kan ture yoo ta'u namoonni 2 sababa hojii biraa argataniif leenjicha kan adda kutan yoo ta'u namoonni 2 immoo sababa hanqina naamusaa agarsiisaniif akkasumas namni tokko yakkaan waan shakkameef akka hin eebbifamne ta'eera. Walumaagalatti Inistitiyuutichi guyyaa har'aa leenjifamtoota gahumsi isaanii mirkanaa'e dhiira 187 fi dubartoota 35 walumatti leenjifamtoota 222 eebbisiisee gara sirna haqaatti akka makaman taasisee jira. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Prezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa fi Walitti qabaan Gumii ILQSO Obbo Gaazaalii Abbaasimaal ILQSO'n yeroo jalqabaatiif leenjifamtoota dubaraa 35 simatee gahumsa isaanii mirkaneessee eebbisiisuun sagantaa kana adda taasisa jedhaniiru. Sagantaa eebbaa kanarratti keessummaa kabajaa ta'uun kan argaman Kabajamtuu Af-Yaa'ii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Adde Sa'aadaa Abdurahmaan eebbifamtootni guyyaa har'aa beekumsa, dandeettii fi naamusa leenjiidhaan argattan ummata otoo hin baratiin isin barsiisee kana ogummaa amma gonfataniin imaanaa fi naamusa cimaadhaan akka tajaajiltan jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru. Leenjifamtoota qabxii ol'aanaa galmeessaniif geebaa fi waraqaan ragaa kennameera

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.