Leenjiin hojiirraa yeroo dheeraa ogeessota seeraa qaamolee haqaa keessatti hojii idilee irra jiraniif dandeettii raawwachiisummaa isaanii dabaluudhaaf ofitti fudhachuudhaan ji’oota shaniif leenjii dandeettii, beekumsaa, naamusa ogummaa fi ilaalchaa akkasumas miira tajaajiltummaa uummatummaa isaanii cimsu kennuudhaan gahumsa isaanii mirkaneessudhaan gara hojii idilee isaanitti deebi’uudhaan tajaajila haqaa hawaasaaf akka kennan taasisuudha.
Institiyuutichi bu’uura sagantaa leenjii hojii irraa yeroo dheeraatiin bara 2002 irraa eegalee dandeetti ogummaa, naamusaa fi ilaalcha tajaajiltummaa ogeessota hojii irra jiranii cimsuudhaaf bu’uura sirna leenjii seeraa sagantaa kanaaf qophaa’eetiin marsaa 12n leenjifamtoota Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa lakkoofsaa 2176 ta’an gahumsa isaanii mirkaneessuun gara hojii isaaniitti akka deebi’an taasisee jira.
Site Map
Contact Us
Oromia Legal Training and Research Institute
Tel: 022-110-0511
Fax:022-111-0902/022-112-37-44
PO Box:1238, Adama
Email: admin@ilqso.gov.et