Article

Quba Qabaadhaa!!!

Bara baajataa 2011 kana keessaa ILQSOn mata dureewwan leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa

  • Raawwii murtii hariiroo hawaasaa fi  mirga dursaa abbootii dhimmaa : seeraa fi hojumaata;

  • Eegumsa mirga namoomaa , shakkamaa,  himatamaa fi sirreeffamaa seeraa;

  • Yakkoota yaalii ajjeechaa, miidhaa qaamaafi saal qunnamtii: seeraa fi hojumaata

  • Dhiyeessa,  dhagahaa fi madaallii ragaa: seeraa fi hojumaata

  • Mala hiikkaa wal diddaa filannoo (ADR) kanneen jedhamansakatta’iinsa fedha leenjii qaamolee haqaatiin adda bahuudhaan moojuuliin leenjii irratti qophaa’ee  leenjiin ittiin kennamee fi  kannamaa jira.

Haaluma kanaan mata dureewwan kanneen keessaa:

  • Mata dureeEegumsa mirga namoomaa shakkamaa, himatamaa fi sirreeffamtoota seeraa jedhamu irraatti leenjii ogeessota 1189 ta’aniif kanneen keessaa Abbooti Alangaa 356 (dhiira 329 fi dubartii 27 ), qorattoota poolisii 333 (dhiira 286  fi dubartii 47 ), poolisii bulchiinsa manneen sirreessaa 500 ( dhiira 421 fi dubartii 79) leenjiin kennamee jira. Walumaagalaan, sagantaa leenji hojiirra yeroo gabaabaatiin ogeessota 1189 (dhiira 1036 fi dubartii 153) ta’aniif leenjiin kennamee jira.

  • Mata Duree Yakkoota yaalii ajjeechaa, miidhaa qaamaafi saal qunnamtii: seeraa fi hojumaata jedhamu irrattisogeessonni seeraa 539 (dhiira 496, dubartii 43) ta’aniif kanneen keessaa Abbootii seeraa 138 (dhiira 134 fi dubartii 4), abbootii alangaa 305 (dhiira 274, dubartii 31) fi qorattoota poolisii 96 (dhiira 88, dubartii 8) leenjiin kennamee jira.

  • Mata duree Raawwii murtii hariiroo hawaasaa fi mirga dursaa abbootii dhimmaa : seeraa fi hojumaata; leenjii abbootii seeraa sadarkaa aanaa fi godinaa jirani 452 (dhiira  dubartii  ) leenjiin kennamee jira.

  • Mata dureewwan Dhiyeessa,  dhagahaa fi madaallii ragaa: seeraa fi hojumaata fi Mala hiikkaa wal diddaa filannoo (ADR) jedhaman irratti immoo itti aanee leenjiin kan kennamu ta’uu isaa fi sagantaa qabamee waamichi darbee jira.

Kana malees, mata dureewwan asiin dura moojuuliin irratti qophaa’ee fi leenjiin akka irratti kennamuu fi fedhii addaatiin gaafataman murtii hooggansaatiin akka itti deemaman adda bahanii jiru. Mata dureewwan kunninis:- 

  • Qajeelfama Adabbii yakkaa;

  • Adeemsa qophii wixinnee seeraa;

  • Hooggansaa fi jijjiirrama hooggansaa;

  • Hordoffii, madaallii fi gabaasa bu’aa irratti xiyeefate; 

  • Hooggansaa fi hooggansa bu’aa irratti xiyeefate;

  • Bulchiinsa dhangala’iinsa dhimmootaa fi madaallii abbootii seeraa;

  • Sirna seera adeemsa falmii siviilii ti.

Bu’uuruma kanaan,

  • Adeemsa Qophii Wixinnee Seeraa: yaadi rimee fi tooftaa qophii wixinnee seeraa irratti muuxannoo fi dandeettii isaanii  akka gabbifataniif  hooggansaa fiAbbootii Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa namoota 15, Hooggansaa fi Ogeessota Waajjira Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa namoota 14, Ogeessota seeraa Waajjiraa Mootumaa Adda addaa keesatti hojjetan namoota 20, qorattootaa fi leenjistoota inistiitiyutichaa namoota 6 fi hoogansa inistiitiyuutichaa namoota 2, walumatti qabaadhaan namoota 56 (dhiira 48 fi dubartii 8) f leenjii kennamee jira.

  • Hooggansaa fi jijjiirama hooggansaa: yaad rimee hooggansaa fi hooggansa jijjiiramaa hubachuudhaan, dandeettii fi gahumsa hoogansummaa isaanii fi jijjiirama qaamoolee haqaa keessatti dhufuu qabaatu ittiin hooganuu akka danda’an dandeettii isaanii guddisuudhaaf  Pireezidaantoota Manneen Murtii Godinaalee fi Aanaalee dabalatee namoota 55 (dhiira 52 fi dubartii 3); Itti Gaftamtoota Manneen Hojii Abbaa Alangaa Godinaalee Oromiyaatiif namoota 46(dhiira 46), leenjistoota 2 (dhiira 2) walumatti qabaadhaan namoota 103 f leenjii mata duree hooggansaa fi jijjiirama hooggansaa jedhu irratti kennamee jira.

  • Hordoffii, Madaallii fi Gabaasa Bu’aa Irratti Xiyeefate:dandeettii fi gahumsa; Hordoffii karoora irratti hundaa’e ittiin taasisuu danda’an, Madaallii karoora bu’uurefatee bu’aa irratti xiyeefate ittiin gaggeessuu danda’an, Gabaasa bu’aa irratti xiyeefate qopheessuu fi dhiyeessuu ittiin danda’an akka horataniif hooggantoota Manneen Murtii Waliigala Oromiyaa, Pireezidaantoota Manneen Murtii Ol’aanaa  Godinaalee fi Ogeessota dhimmi ilaaltu( Abbootii Adeemsaa Karooraa fi gamaagama rawwii) namoota 120 (dhiira 111 fi dubartii 9) f leenjin mata duree hordoffii, madaallii fi gabaasa bu’aa irratti xiyefate jedhamu irratti kennamee jira.

  • Hooggansa Bu’aa Irratti xiyeefate :dandeettii fi gahumsa Yaada rimee, amalaa fi dandeettii hooggansi  tokko qabaachuu qabu, Hojii bu’aa irratti xiyeefatee karoorf achuu Hordoffii bu’aa irratti xiyeefate raawwachuu Madaallii bu’aa irratti xiyeefate gaggeesuu Gabaasa bu’aa irratti xiyeefate qopheessuu fi dhiyeessuu isaan dandeessisu  akka gonfataniif   Pireezidaantoota Manneen Murtii Aanaalee Oromiyaa hundaa namoota 304  fi abbootii seeraa mana murtii waliigalaa fi abbootii adeemsaa godinaalee dhimmi isaan ilaalatu namoota 13   kilaastara saditti ( Magaalaa Baatuu, ILQSO fi Magaalaa Amboo) qoodudhaan namoota 317 f leenjiin mata duree hooggansa fi hooggansa bu’aa irratti xiyefate jedhamu irratti kilaastara sadanuu irratti guyyoota shan shaniif kennamee jira. Haaluma kanaan, hirmatoonni Magaalaa Batuu irratti namoota 109 (dhiira 107 fi dubartii 2), ILQSO irratti namoota 78 (dhiira 71 fi dubartii 7), magaalaa Amboo irratti namoota 130 (dhiira 122 fi dubartii 8) leenjii fudhatanii jiru.

  • Bulchiinsa Dhangala’iinsa dhimmaa: dhaqabamummaa fi bu’a qabeessumaa kenna tajaajila abbaa serummaa dabaluun haal ittiin danda’amu uumudhaaf akkasumas namoota leenjii fudhatanii ogeessota birootiif leenjii kennuu danda’an horachuudhaan sadarkaa sadarkaadhaan ogeesonni leenjii waliif kennaa akka deeman dandeessisuudhaaf jecha  Abbootii Adeemsaa Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa fi Godinaalee namoota 43 f  (dhiira 42 fi dubartii 1)mata duree Hooggansaa fi Bulchiinsa Dhangala’iinsa Dhimmootaa jedhu irratti leenjiin TOT kennamee jira.

  • Sirna Seera Adeemsa Falmii Siviilii (Qaadii Mannen Murtiitiif):qaadiiwwan manneen murtii oromiyaa keessatti hojjetan seera bu’uuraa ogummaa isaanitiin wal qabatee jiruun ala sirna seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa irratti qaawwa akka qaban bu’uura fedhiin dhiyaateen, ogeessonni kuniin seera kana irratti hubannoo isaanii akka cimsatanii fi hojii isaanii keessatti qaawwa ture leenjiidhaan duuchuun akka danda’amuuf namoota 100 f leenjiin mata duree sirna seera demsa falmii hariiroo hawaasaa iratti guyyoota afuriif keennamee jira.

  • Qajeelfama Adabbii Yakkaa: Abbootii Murtii Mana Murtii Waliigala Oromiyaa dhaddachoota dhaabbii dabalatee namoota 108 (dhiira 102 fi dubartii 6), abbootii alangaa mana hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa dameelee dhaabbii dabalatee namoota 112 (dhiira 94 fi dubartii 18), walumatti qabaan ogeessota 220 (dhiira 196 fi dubartii 24)    ta’aniif leenjii mata duree qajeelfama adabbii yakkaa irratti kennamee jira.

Walumaagalaan, sagantaa leenjii kanaan, ogeessonni 959 (dhiira 897 fi dubartii 62) ta’aniif fedhii addaa irraatti hundaa’udhaan sagantaa leenjii hojiirraa yeroo gabaabaatiin leenjiin kennamee jira.

Dabalataanis, moojuuliiwwan bara baajataa kana inistiitiyuutichaan qophaa’anii leenjiin ittiin kennamaa ture, jiruu fi kennamuuf irratti karoorfamanii jiran marsariitii (website) inistiitiyuutichaa irraa buusudhaan itti fayyadamuun  ni danda’ama.

Daareektooreetii kenna leenjii fi tajaajila gorsa seeraa

Bara baajataa 2011 kana keessaa ILQSOn mata dureewwan leenjii hojiirraa yeroo gabaabaa; (karoorri ogeessota 3000)

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.