Article

Inistiitiyuutichi Kenninsa Tajaajila Sirna Haqaa Naannichaa Fooyyessuuf Hojjetaa Jira

Inistiitiyuutiin Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa tajaajila sirna Haqaa annichaa daran fooyyeessuuf hojjetaa akka jiru beeksise.

Adeemsi Hojii dhimmoota kominikeeshinii Mootummaa Inistiitiyuutichaa akka beeksisetti, waggoottan saglan darbaniif Inistiityuutichi dandeettii raawwachiisummaa qaamotii haqaa naannichaa cimsuuf leenjii hojiin duraa, leenjii hojiirraa yerooo dheeraa fi gabaabaa gahaa ta’e ogeessota seeraa ogumma ola’aanaa qabaniin bifa qindoomina qabuun kennaa tureera.

Bara kanas eebbifamtoota seeraa akka naanichaatti dorgomsiisee leenjii hojiin dura ogummaa abba seerumamaa fi abba Alangummaatiif leenjifamtoota 400 (Dhibba Afur) Fulbaana 1 bara 2009 irraa kaasee ji’oota 10f simatee leenjisaa jira.

Hojiilee Inistiitiyuutichi raawwatuu keessaa inni ijoo ogeessota dandeettii, ogummaa, ilaalchaa fi naamusa gaarii, quqama hawaasaa, sirna heeraafi seera kabajuufi kabachiisuuf ejjennoo ola’aanaa qaban baayyinaafi qulqullina barbaadamuun horachuudhaan dandeettiifi humna qaamolee haqaa ijaaruufi tajaajilli haqaa Oromiyaa keessatti kennamu dhugaarratti hundaa’ee si’aa’inaa akka qabatu, ol’aantummaan heeraafi seeraa qixaa barbaadamuun akka eegamuuf mirgi lammiilees akka kabajamu taasisuudha.

Kaayyolee kana galmaan gahuufis waggoottan saglan darbaniif leenjiiwwan garaagaraa kennaa kan ture yommu ta’u bara kanas barattoota seeraa dhabbilee barnoota olaanaarraa eebbifaman dorgomsiisee fudhachuudhaan leenjisaa jira.

Eebbifamtoota leenjise kanaafis carraa hojii kan uumu yommu ta’u  leenjii hojiirra yeroo dheeraafi gabaabaa gahaa ta’ee ogeessota seera ogummaa ol’aanaa gonfataniin bifa qindoomina qabuun keennaa tuureera. Ammas, akkuma ittii fufee jira..

Corporate Site - This is a contributing Drupal Theme
Design by WeebPal.